Monday, October 7, 2013

Uummanni Oromoo akkuma Ayyaana Irreechaa Baranaa Kabajuuf Biyya Keessaa fi Alatti Sochii Guddaa Taasise FDG Calqabame Keessattis Hirmaannaa Isaa Jabeeysee Itti Fufuu Qaba!

Baarentuu Gadaa | Onkololeessa 7, 2013

Akkuma hundi keenyaa karaa miidiyaalee adda addaatiin arginee fi dhageenyetti yknis qaamaan hirmaanneetti; ayyaanni Irreechaa baranaa kan yeroo kamiyyuu caalaa ho’aa fi hawwataa ture.Ayyaanni irreechaa Oggaa-Oggaan sirna ho’aa fi miidhagaadhan uummata Oromoo biratti Oggoota dheeraadhaaf kabajamaa as gahe kun; bara kanas iddoo hawaasni Oromoo fi jaallattoonni aadaa Oromoo Miliyoonaan lakkaawwaman argamanitti biyya keessaa fi biyyoota alaa gara garaa keessatti kabajameera. Kabajini ayyaanichaa iddoo hundattuu sirna hoo’aa fi miidhagaadhan akka aadaa Oromootti dhugeeffatame. Keechattuu isa Oromiyaa Magaalaa Bishooftuu, Hora Harsadiitti kabajame’ratti uummanni Oromoo Miliyoonni hedduun danqaraa mootummaa wayyaaneerra tarkaanfatee kabajachaa ooleera. Ayyaanichiis uummanni Oromoo; uummata baha Afirikaa keessaa aadaa, seenaa fi duudhaa jaarraa heddu lakkoofsise qabu tahuu aadduunyaa fi goomattoota aadaa Oromootiif muldhiseera.  Read more…

No comments:

Post a Comment